Baahireenitti Waajjirri Qoonsilaa Itiyoophiyaa Banamuufi

76

Finfinnee, Gurraandhala 24/2012 (TOI) Baahireenitti waajjirri qoonsilaa Itiyoophiyaa banamuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsame.

Jiilli deetaa ministiraa ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar  Burtukaan Ayyaanoon duurfamu dhimmicha irratti mari’achuuf har’a  magaalaa Baariheen galeera.

Waajjirichi kan banamu muummichi ministira Itiyoophiyaa dooktar Abiyyi Ahmad lammiilee Itiyoophiyaa giddugala Bahaa jiraatan waliin dhiyeenya kana Dubaayitti wayita marii taasisan rakkina Baahireenitti  isaan mudataa jiru ilaalchisee kallattii kaa’ameenis jedhame.

Miseensonni jila kanaa wayita Baahireen ga’anitti ministirri dhimma alaa Baahireen, Kuweetitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa  Abdulfattaah Hasanii fi Baahireenitti bakka buutuun waajjira qoonsilaa Itiyoophiyaa  Iskedaar Girmaay simannaa taasisaniiruuf.

Gareen kun turtii isaaniin miseensota hawaasa garaagaraa Baahireen jiraatan waliin dhuunfaa fi waliin kan mari’atan ta’uus ifoomee jira.

Akkasumas ministeerri dhimma alaa Baahireen qaamolee ilaallatan waliin mirga,faayidaa fi nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Baahireen jiraatan eegsisuurratti marii akka taasisu ibisame.  

Dabalataan hariiroo biyyoota lameenii ilaalchisee ni mar’atu jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015