Tiwiitariin sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin hojjettoonni isaa mana taa'anii akka hojjetan ajaja dabarse

51

Finfinnee Gurraandhala 24/2012 (TOI) Dhaabbanni midiyaa hawaasaa Tiwiitariin tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjettoonni isaa manatti akka hojjetan ajaja dabarseera.

Dhaabbatichi fulaa miidiyaa hawaasaa isaarratti akka beeksisetti hojjettoonni isaa Hoong Koong, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman mana isaanii taa’uun akka hojjetaniif eeyyamameeraaf.

Hojjettoonni dhaabbatichaa  kuma 5 addunyaarratti argaman mana jireenyaa isaanii taa’uun hojicha akka hojjetaniif ajajni darbeera.

Dhaabbatichi guyyoota muraasaa as hojjettoonni isaa imala hin barbaachifne, akkasumas qophiilee garaagaraatti akka hin hirmaannes ajajeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015