Imala gara badhaadhinaatti jalqabame ni milkeessina... jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaa

75

Guraandhala 13/2012 /TOI/ Harka walqabannee misooma keenya guddisuun imala gara badhaadhinaatti jalqabame ni milkeessina jedhan jiraattotni  Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaa.

Jijjiirama Biyyattiitti  adeemsifamaa jiru deeggaruun hiriirri Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaatti har’a gaggeeffameera.     

Jiraattoonni hiriira deeggarsaa bahan kunniin dhaadannoowwan Jijjiirama akka biyyaatti galmaa'e ni deeggarra; bu'a qabeessummaa isaatiif ni qabsoofna jedhu  dhageessisaniiru.   

Bu'aawwan jijjiiramaa biyya keenyaatti argaman kunuunfannee itti ni fufsiisna jechunis waadaa galaniiru.   

Tattaaffii mootummaan ijaarsa sirna diimkiraasiitiif gochaa jiru dhugoomsuuf mootummaa cinaa ni hiriirra jechuunis dubbataniiru.  

Qaama nageenyaa keenya wajjin tokkoomnee nageenya keenya ni mirkaneessina jechunis himaniiru.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015