Dubartiin Uumamaan gaggeesituu fi qajeelchituu dha

142

Guraandhala, 12/2012 /TOI/ Dubartiin Uumamaan gaggeesituu fi qajeelchituu dha jedhan itti aantuu pireezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aaddee Caaltuu Saanii.

Yaa'ii hooggansa dubartootaa Magaalaa Adaamatti taa'ame irratti argamuun haasa kan taasisan Itti Aantuun Pireezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aaddee Caaltuu Saanii fayyadamummaa Ummataa mirkaneessuu fi tajaajilli haqa-qabeessa ta'e fiduuf hooggansa dubartootaa cimsuun murteessadha.

Hooggansi bakka irratti ramadame qofaan kan hojjatamu osoo hin taane sochii hawaasa,diinagdee fi hawwasummaa keessatti gahee adda durummaa bahachuudha jedhaniiru.

Dubartiin uumamaan gaggeesituu fi qajeelchituu dha jechunis dubbataniiru.

Dubartiin jireenya dhuunfaa jiraattee hin beektu kan jedhan Aadde Caaltuun, Mootummaan xiyyeefannoo guddaa itti kennuun filannoo dhufu irratti hirmaannaa dubartootaa hunda galeessa ta'e fiduuf hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhumarrattis, ilaalcha keleessaa keessa bahuun dubartoonni sammuu uumamaan qabanitti fayyadamuun uummata keessaa dhalatan tajaajilu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015