Wixineen Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe ragga'e - ENA Afaan Oromoo
Wixineen Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe ragga'e
Finfinnee,Gurraandhala 11 /2012/TOI/ Caffeen Oromiyaa yaa'ii idilee guyyaa 2ffaa taa'aa jiruun, Wixinee Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe irratti mari'atee raggaasiseera.
Wixinee Labsii kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Iisaa Boruu fi Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaarraa qaamni bakka bu'e Caffeef dhiyeessanii jiru.
Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee ibsa taasisaniin seeronni wixineeffaman qulqullina, iftoomina, fudhatamummaa fi raawwatamummaa akkasumas, bifa walfakkaatuun akka hojjetaman taasisuuf rakkoolee hojii qophii wixinee seeraa keessatti mul’achaa turan bu’uura irraa furuu sirna dandeessisu diriirsuun uwwisa seeraa akka argatu taasisuudhaaf wixinichi kan qophaa’e ta’uu ibsan.
Caffeen wixinee Labsii dhiyaate kana bal’inaan erga irratti mari’atee booda raggaasisee jira.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aaddee Loomii Badhoos wixineen ragga’e kun Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 222/2012 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisanii jiru.(WKBMNO)