Aanaa Iluu Galaanitti Kontobaandiin Zayita Nyaataa to’annoo jala Oole

126

Finfinnee,Gurraandhala 9/2012/TOI/ Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti Kontobaandiin Zayita Nyaataa abbaa litira 20 baay’inni isaa 520 ta’u qaama nageenyaa Aanichaan to’annoo jala Ooleera.

Aanichatti kontorbaandii daldala seeraan alaa to’achuuf xiyyeeffannoon hojii  hojjetamaa  jiraachuu ibisame.

kaleessa halkan Sa’aa 9:30 konkolaataa FSR lakkoofsi gabatee isaa 91962 A.A ta’e zayita nyaataa abbaa litira 20 baay’inni isaa 520 ta’e eeruu hawaasni poolissii aanichaatiif kenneen magaala Ijaajjiitti  buusuuf osoo jiranii konkolaachisaa fi garagaaraan isaa waliin to’atamaniiru.

Abbaa adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessa aanaa Iluu Galaan, Saajiin Margaa Tafarraa akka jedhanitti , aanichatti xiyyeeffannoo daladala seeraan alaa to’achuuf poliisiin aanicha sochii taasiseen bu’aan argameera.

Dabalataanis torbee lamaan darbe keessatti kaka’umsa miseensa poolisii aanichaa fi eeruu hawaasaatiin hojii hojjetameen sukkaara kumtalaa 50 fi zayita nyaataa abba litira 20 baay’inni isaa 820 to’anna jala ooluu isaa himuun, daldalli seeraan alaan qabame kunis gurguramee misooma aanichaaf ooleera jedhaniiru.  

Itti dabaluun hawaasni aanaa keenyaa daldala seeraan alaa irratti qabsaa’uun warreen otoo hin hojjetin karaa qaxxamuuraan sooromuu barbaadan qaama nageenya sadarkaa jiran waliin ta’uun hojii seera qabeesa qabeessan hojjechuu barbaachisaa akka ta’e dhaamanii jiru jechuun kan gabaase waajjira dhimmoota kominikeeshiinii mootummaa aanaa Iluu Galaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015