Biiroon Barnoota Oromiyaa Waldaalee barsiisotaaf beekkamtii kenne

339

Guraandhala 9/2012 /TOI/ Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waldaalee Barsiisota Itiyoophiyaafi Naannoo Oromiyaatiif beekkamtii kenne.

Sirna beekkamtii kennuu kanarratti waldaaleen barsiisotaa kunneen rakkoolee garagaraa isaan quunnamaa ture obsaa fi abdiin keessa darbuun bu'aa amma argamaa jiru kanarra gahee jira.

Obsaa fi kutannoo isaan agarsiisanis sirna beekamtii kennuu kanarratti dinqisiifatamaniiru.

Pirezdaantiin Waldaa Barsiisotaa Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantii akka dubbatanitti, waldaan keenya muuxannoo horatetti fayyadamuun gaaffii barnootaa, barsiisotaa fi rakkoo hawaasa keessa jiru deebisuuf kana caalaatti kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.  

Pirezdaantiin Waldaa Barsiisota Oromiyaa gamasaaniin, walitti dhufeenyaan dhimmamtoota waliin yoo hojjetame gaaffiin kamuu deebii argachuu akka danda'u ibsaniiru.

Walumaa galattii beekkamtiin waldaalee barsiisotaaf kenname kun gara fuula duraattis hojiin barnootaa kallattii hundaan akka milkaa'uuf wal-hubannaa fi mariin hojjechuufi bu'aan gama barnootaan argamurratti shoora guddaa qabaata jedhame.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015