Dooktar Abiyyi lammiilee Itiyoophiyaa 135 qabachuun gara biyyaatti deebi'an

51

Guraandhala 9/2012 /TOI/ Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad daawwannaa guyyoota sadiif Yuunaaytid Arab Emireetitti taasisan xumuruun gara biyyaatti deebi'aniru.

Lammiilee paaspoortiin harkaa fuudhatame mirgi isaanii dhiibamee karaarratti kufanii dawoo keessa turan 135 waliin xiyyaara ittiin imalaniin gara biyyaatti fudhatanii deebi'aniiru.

Lammiileen kunneenis kabajaan gara biyyaatti deebi'uu isaaniin gammachuun akka itti dhagaa'ame ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota Giddu Gala Bahaa jiran waliin haala biyyaa, mirgaafi faayidaasaanii kabachiisuuf mariin taasisan milkaa'aa akka ture himamee jira.

Daawwannaa kanaan hojiin dippiloomaasii walitti dhufeenya Itiyoophiyaafi Yuunaaytid Arab Emeireet cimsu olaanaan akka hojjetame ibsamee jira. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015