Itiyoophiyaan seenaa walitti dhufeenyaa cimaa Giddu Gala Bahaa waliin qabdi ... Dooktar Abiyyi Ahimad

54

Gurraandhala 6/2012 /TOI/ Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan seenaa walitti dhufeenyaa cimaa Giddu Gala Bahaa waliin qabdi jedhan.  

Lammileen Giddu Gala Bahaa osoo akka ammaa dinagdeen cimaa hin ta’in  gara keenya dhufaa turan jedhan.

Har'as Itiyoophiyaan Lammiilee Siriyaa jeequmsaa saaxilaman simachaa jirti kan jedhan muummeen ministiraa,  ammas walitti dhufeenyi qabnu cimaadha jedhan.

Faayidaa fi mirga lammilee kabachiisuuf hojii Pireezidaantiin Yuunaayitid Arab Emireet hojjettanii galateeffachuun,Seenaa jijjiiruuf kutannoon hojjedhas jedhan.

Biyyi kan badhaatu lammiin hundi rakkoo taa'ee qaaccesuun osoo hin taane furmaataaf yoo hojjetedhas jechuun ibisan.

Mirgaa fi faayidaa lammilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatanii kabachiisuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta'us ammas hojii cimaa gaafata kan jedhan ammoo,Yuunaayitid Arab Emereetitti Ambaasadder Itiyoophiyaa Suleeman Daddafooti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015