Magaalaa Roobeetti ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii qarshii mil 597 oliin ijaarsi isaa eegale

66

Gurraandhala 5/2012 /TOI/ Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti ijaarsi piroojektii bishaan dhugaatii qarshii mil 597 oliin ijaarsi isaa eegale.

Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti ijaarsi pirojektii rakkoo gama bishaan dhugaatii Magaalichaa furuuf  ijaarsi isaa ganda hora booqaatti ijaarsi isaa eegalee jira.

Pirojektiin kun gaaffii  yeroo dheeraa kan ture rakkoo dhiheessii bishaan dhugaatii ummata magaalichaa furuu kan danda’uu dhas jedhame.

Piroojektii kana hirmaannaa uummataa fi deeggarsa Baankii Addunyaa/ World Bank / yommuu ta’u,ijaarsi piroojektichaas yeroo isaaf qabame waggaa 1 fi walakkaatti akka xumuramuuf jalqabbiin isaa sadarkaa gaarii irra akka jirus ragaan waajira dhimmoota koomunikeeshinii oromiyaarraa arganne ni ibsa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015