Rakkoo Lixa Oromiyaa qaama karaa nagayaatin nan fura jedhuuf tumsa ni taafisna - Dooktar Abiyyi Ahimad

102

Finfinnee Amajjii 25/2012 (TOI) Rakkoo Lixa Oromiyaa qaama karaa nagayaatin nan fura jedhuuf tumsa ni taasisna jedhan muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad.  

Muummee ministiraa Dooktar Abiyyi gaaffilee walga'ii addaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'aniif deebii laachaa jiru.

Wayituma kana akka jedhanitti Biyya tokkotti qaamni hidhatee fi mootummaan lama hin jiraatu; kanaaf rakkoon Lixa Oromiyaa karaa nagayaatin akka hiikamu fedhii qabna.  

"Rakkoo Lixa Oromiyaa qaama karaa nagayaatin nan fura jedhuuf, tumsa ni taasisna; mootummaan kanarratti rakkoo hin qabu; obboleewan akka wal-ajjeesan waan hin barbaannef" jedhaniiru.  

Yoo ta'uu dide garuu seera kabachiisun dirqama ta'a jedhaniiru.

Rakkoon Kibba Oromiyaa garuu tasgabbaa'aa kan jiruu ta'uus ibsaniiru.  

Biyyattiin neetwoorkii mootummaa jijjiirramaaf gufuu ta'aniin hidhamteet turtees jedhaniiru mummeen ministraa.

"Kanaaf nuti ammoo fala yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa kaa'uun socho'aa turreerra" jedhaniiru. 

Caasaa, hojimaataa fi hoggansa jijjiirrama eegalame sochoosu uumuun yeroo akka fudhatu Dooktar Abiyyi ibsaniiru. 

Hariiroon mootummaa federaalaa fi naannoo jidduu jiru maal ta'uu akka qabu heerarra kaa'ameera, Sana kabajuudhan hojjechaa jirras jedhaniiru. 

Itiyoophiyaa shororkeessuu fi jigsuuf Alshabaabii fi qaamoleen biroo socho'aa turaniiru; caasaan nageenyaa sana ittisuu fi to'achuuf hojiin hojjete cimaa waan ta'eefi malee rakkoo hamaatu dhalataayyus jechuun ibisan. 

"Manneen amantaa fi manneen barnootaa sadarkaa olaanaa humna nageenyaa hidhateen eegun amala haaradha. Amalli haaraan biyyattiitti uumamuu hin malle dhalachaa jiraachuu isaatin" jedhaniiru. 

Barattoonni butamuu ilaalchisee kan butame hin mul'atu, eenyummaan isaanii hin beekamu, kan butes hin beekamu; kanaaf mootummaanis sochii barbaachaa hojjechaa tureera. 

Barattoota butaman jedhame keessaa kan ajjeefame akka jiru ragaan argame hin jiru jechuun , Koreen dhaabbatee irratti hojjechaa kan jiru yammuu ta'u, hojichi gaafa xumurame ibsa ni laannas jedhaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015