Somaaliyaan weerara awwaannisaarraa kan ka'e labsii yeroo muddamaa labsite - ENA Afaan Oromoo
Somaaliyaan weerara awwaannisaarraa kan ka'e labsii yeroo muddamaa labsite

Amajjii 25/2012 /TOI/ Somaaliyaan weerara awwaanisaa kan Afriikaa bahaa keessatti haalaan mul'ataa jiruuf labsii yeroo muddamaa labsite.
Ministirri Qonnaa biyyattii weerara ilbiisotaa kana kan miidhaan hedduu balleessuu danda'uuf akkas jedhe, "wabii nyaataa Somaaliyaaf yaaddoo guddaa dha."
Haalli kunis sodaa osoo midhaan ji'a Guraandhalaa keessa hin sasaabamin dura to'achuun hin danda'amu jedhee jira.
Dhaabbati Biyyoota gamtoomanii akka jedhetti Somaaliyaa fi Itoophiyaan waggoota 25 keessatti weerarri awwaannisaa hamaan isaan mudateera.
Gama biraatiin biyyi ollaa, Keeniyaan, waggoota 70 keessatti weerara awwaanisaa kana fakkaatu ishee mudatee hin beeku jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.
Somaaliyaan biyyoota weerarri kun isaan muudate keessaa biyya yeroo jalqabaaf labsii yeroo muddamaa labsitee dha.
Haalli nageenyaa Somaaliyaa keessa jiru xiyyaaraa farra ilbiisota biifuun akka hin danda'amne taasiseera.
Dhaabbanni Nyaata Addunyaa ji'a Amajjii keessa biyyoonni Gaanfaa Afriikaaf gargaarsaa akka taasisan waamicha dhiheessee ture.
Dhaabbanni kunis weerara awwaannisaa kana to'achuun yoo hin danda'amnee ji'a Hagayyaa keessa si'a 500'n dabaluu danda'a jedhe.
Weerarri kun kara Galaana Diimaan Yeman irraan gara Afriikaa bahaa seenuu isaan ni ibisama.
Roobni jabaan dhuma 2019 roobuunsaa walhormaataafi facaatii ilbiisa kanaaf haala mijataa uumee jira.
Awwaanisni guyyaa tokkotti fageenyaa hamma km150 imaluu danda'a jechuun kan gabaase BBC dha.