Vaayirasiin Koronaa `Yaaddoo Fayyaa Guutuu Addunyaa` Jedhamee Labsame

90

Finfinnee, Amajjii 22/2012 (TOI)  Vaayirasiin koronaa `yaaddoo fayyaa guutuu addunyaa`  jedhamee  labsuu isaa dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksise.

Daayireektarri olaanaa dhaabbata fayyaa addunyaa (WHO)  Dr. Tewodiroos Adhaanom kaleessa ibsa kennaniin,  vaayirasiin sadarkaa yaaddoo addunyaan labsame kun Chaayinaa keessatti qofaa osoo hin taane biyyoota biroo dabalatee saffisaan babal’ataa waan jiruuf  jedhan.

Chaayinaan dhibee kana to’achuuf  furmaataaf yaalii isheen taasisaa jirtu Dr. Tewodroos dinqisiifataniiru.

Akka ibsa dhaabbata addunyaa kanaatti haalli vaayirasii koronaa amma irra jiru biyyoota  haala sirna fayyaa dadhabaa qabanitti  yoo tamsa’e  guddaa yaaddessaa ta’a.

Dhaabbanni kun  vaayirasichaaf ka’umsa kan taate Chaayinaa dabalatee biyyoonni biroos qophii ga’aa akka taasisan dhaabbanni fayyaa addunyaa deeggarsa ni taasisas jedhan.

Vaayirasii kanaan namoonni hanga ammaatti du’an 213 yoo ta’an kan qabaman immoo 9,000 ol ga’eera jedhame.

Vaayirasiin kun sadarkaa guutuu addunyaatti biyyoota 18titti tatamsa’uu isaa BBC  tu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015