Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Ejensiin Nyaata Barattootaa Akka Hundaa’u Murteesse

Finfinnee Amajjii 15/2012 (TOI) Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee ejensiin nyaata barattootaa akka hundaa’u murteesse.

Ejensiin kun akka hundaa’u kaabineen magaalichaa kanaan dura yaada wixinee kan qopheesse yoo ta’u, manni maree magaalichaa  ejensiin kun akka hundaa’u murtee dabarseera.

Dhiheessiin galtee barnootaa fi dubartoonni qulqullinasaanii ittiin eegatan kanaan dura bulchiinsi magaalaa jalqabe ejensii kanaa kan qajeelfamu ta’a.

Itti waamamni ejensii kanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaaf yoo ta’u, bordii kutaalee hawaasaa addaddaarraa walitti baba’aniin hoogganama.

Bara barumsaa kanatti kaka’umsa bulchiinsa magaalaatiin deeggarsi yuuniifoormii, dabtarrii fi meeshaaleen barnootaa barattoota kuma 600f kan taasifame yoo ta’u, barattoonni kuma 3000 ol ammoo sagantaa nyaataatti fayyadamaa jiru.

Fuulduras deeggarsi barattootaaf taasifamaa jiru baay’inaanis qulqullinaanis fooyyesuuf bulchiinsi magaalaa xiyyeeffatee akka hojjetu Injiinar Taakkalaa Uumaa dubbachuusaanii odeeffannoon waajjira kantiibaarraa arganne ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015