Manni Maree Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Idileesaa Gaggeessaa Jira

113

Finfinnee Amajjii 15/2012 (TOI) Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 7ffaasaa gaggeessaa jira.

Yaa’ichi oolmaa isaa guyyaa har’aatiin wixinee labsii hundeeffama Eejansii Dhiyeessii Nyaata Barattootaa, wixinee labsii oodiitara bulchiinsa magaalichaa, labsii Komishinii Ispoortii akka haaraatti hundeessuuf fooyya’ee ba’e fi wixinee labsii Addis Miidiyaa Neetwoork, akkasumas dambiiwwan garagaraa ni raggaasisa jedhameera.

Komishinii Ispoortii magaalaa Finfinnees irra deebiin hundeessuuf wixinee dhiyaates ni ilaala jedhameera.

Guyyaa har’aa waaree booda muudamoota garagaraas ni mirkaneessa jedhameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015