Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonnen ministira Ministeera Dinagdee Emireetota Araba Gamtoomanii waliin mari'atan

114

Finfinnee Amajjii 14/2012 (TOI) -  Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnen ministira Ministeera Dinagdee Emireetota Araba Gamtoomanii Sulxaan Biin Sayid Al Mansuur waliin mari'atan.     

Mariin isaanii hariiroo dinagdee fi tumsa biyyoota lamaanii cimsuurratti kan xiyyeeffate dha.

Biyyoonni lamaan dinagdee fi walitti dhufeenya dippilomaasiin naannoo Gaanfa Afrikaatti hidhata cimaa uumaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.   

Sulxaan Biin Sayid Al Mansuuriin gama isaaniitiin hariiroon dinagdee biyyoota lamaanii akka cimu mootummaan isaanii ga'eesaa kan ba'atu ta'uu eeraniiru.      

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015