Ayyaana Cuuphaarratti Qaamoleen Jeequmsa Kaasuuf Yaalan Seeratti Ni Dhiyaatu…Obbo OrdiinBadrii

58

Hararii Amajjii 13/2012 (TOI) - Kabaja ayyaana cuuphaan walqabatee magaalaa Hararitti rakkoo nageenyaa uumameen miidhaa ga’eef mootummaan tarkaanfii akka fudhatu bulchaan naanno Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisan.

Bulchaan kun karaa biiroo dhimmoota komunikeeshiniin ergaa badarsaniin akka ibsanitti, ayyaanichaaf qaamolee ilaallatan waliin qophiin barbaachisu taasifamus qaamolee ergama jeequmsaa gabbifataniin raawwiin raawwatame namaa fi qabeenyarratti miidhaan ga’eera.

Midhaa ga’een gadda itti dhaga’me kan ibsan obbo Ordiin, mootummaan miidhamtoota kanaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisu beeksisaniiru.

Yeroo itti aanuuf gocha kanarratti warra hirmaatan, qaamolee karaa garaagaraa gaggeeffamaa fi deeggaramaa turan qaamoleen nageenyaa fi haqaa naannichaa hatattamaan qoratanii seeratti dhiyeessuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsan.

Ummanni obsa agarsiisee fi gargaarsa qaamolee nageenyaaf deeggarsa taasisaniif galata kan dhiyeessan obbo Ordiin Badrii, itti fufinsaan mootummaa waliin dhaabbachuun olaantummaan seeraa akka kabajamuuf waamicha taasisaniiru.

Qaamoleen nageenyaa naannichaa kabajaa ayyaana cuuphaa jeequun namoota shakkaman 20 caalan to’annoo jala oolchuun isaanii kaleessa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015