Sababa Vaayirasii Chaayinaatti Muldhateen Imaltoonni Gara Magaalaa Wuhaan Akka Hin Imale Chaayinaan Akeekkachiifte

48

Amajjii 13/2012 (TOI) - Sababa Vaayirasii haaraa /2019-nCoV/ Chaayinaatti muldhateen imaltoonni gara magaalaa Wuhaan akka hin imale aanga’oonni Chaayinaa akeekkachiisaniiru.

Hanga ammaattis namootni 9 sababa Vaayirasii kannaan du'aniiru.   

Bulchiinsa Wuhaan keessatti qorannoo taasifameen hanga ammaatti namoonni 440 vaayirasichaaf saaxalamuun isaanii himameera.  

Vaayrasichi kana caalaa babaldhachuu akka danda’us anga’oonni Chaayinaa kunneen ibsaniiru.   

Yeroo gabaabaa keessatti vaayirasiin muldhate kun babaldhachuun lubbuu lammiilee hedduu miidhuu ni danda’a jechuun anga’oonni biyyattii akeekkachiisaniiru.

Vaayirasichi Chaayinaan alatti biyyoota addunyaa garagaraatti ce’ee muldhachuun isaa yaaddoo biraa ta’eera jedhaniiru.  

Biyyoota kanneen keessaa Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaa fi Taayilaand biyyoota eeramani dha.

Odeeffannoon amma ba'aa jiru akka agarsiisutti magaalota Chaayinaa hedduu keessatti vaayirasichi babaldhachuu waan danda'uuf to'annoon taasifamuu akka qabu kan akeeku dha.

Jiraattoonni magaalaa Wuhaanis iddoo namootni heddumminaan itti sassaabamanitti akka argamu hin qabne anga'oonni kunneen eraniiru.

Vaayirasiin kunis qaamolee hargansuu ilma nama kan miidhu yoo ta'u, mallattoo akka utaalloos kan qabu dha jedhameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015