Dhaabbatichi Sanyii Filatamaa Kuntaala Kuma Dhibba 2 Fi Kuma 50 Qopheessuuf Hojjechaa Jira

332

Amajjii 12/2012 (TOI) - Dhaabbanni intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaa damee Baalee bara kana sanyii filatamaa kuntaala kuma dhibba 2 fi kuma 50 qopheessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Qonnaawwan gurguddoo mootummaa shanirraa sanyiiwwan filatamaa akaakuu gara garaa rakkoo dhiyeessii sanyii filatamaa furuu danda'u qulqulleessee qopheessaaa jira.

Sanyiileen qulqullaa'aa jiran kunneen karaa bakka bu’oota intarpiraayizii sanyii filatamaa fi waajjiraalee qonnaa aanaa fi godinaatiin akkaataa fedhii fi haala qilleensaa oomisha qamadiitiin qonnaan bultootaaf akka ga’u hoji-geggeessan dhaabbatichaa obbo Caalaa Aabbabaa himaniiru.

Obbo Caalaan akka jedhanitti, dhaabbatichi qonnaan bultoonni sanyii filatamaa dhaabbaticharraa fayyadamoo ta'an, erga sanyii filatamaa qamadii akaakuwwan gara garaatiin oyiruusaanii misoomsanii omishtummaasaanii dabaluun diinagdeensaanii guddachaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Dhaabbatichi sanyiiwwan filatamaa baay'isaa jiruun cinaatti rakkoo hanqina kitaaba barnootaa furuuf manneen barnootaa naannawa buufataalee qonnaatti argaman shaniif kitaaba kuma 1 fi 470 dhaabbata Birtish kaawunsiliirraa argate deeggarsaan kennuuf qopheessaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015