Ayyaanni Cuuphaa Tattaafii Ummataa Fi Qaamoolee Nageenyaan Rakkoon Hammaa Osoo Hin Ga'iin Kabajameera – Komishinii Poolisii Naannoo Hararii

71

Hararii Amajjii 12/2012 /TOI/ - Ayyaanni Cuuphaa Tattaafii Ummataa fi Qaamoolee Nageenyaan Rakkoon Hammaa Osoo hin Ga'iin Kabajamuu Isaa Komishiniin Poolisii Naannoo Hararii beeksise.   

Kabaja ayyaana kanaa jeequuf namootni socho'aa turan 20 to'annoo seeraa jala ooluu isaaniis ibsameera.  

Komishinarri komishinii Poolisii Naannoo Hararii Ramadaan Umar har'a Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti kabaja ayyaana cuuphaa Amajjii 10 kabajamu irratti namootni jeequmsa kaasuuf yaalaa turan tattaafii ummataan to'annoo jala oolaniiru.

Rakkoo qaamonni kun uumaniinis qaamoolee nageenyaa 15 dabalatee namoota 19 ta'an irraa miidhaan qaammaa fi salphaan kan ga'ee fi qabeenya irras miidhaan kan qaqqabe ta'uu isaa dubbataniiru.  

Hanga ammaattis namootni rakkoo kana waliin wal qabatan jedhamanii shakaman 20 to'annoo seeraa jala ooluu isaanii koomishinarri kun ibsaniiru.

Tattaaffii ummatni taasiseefis galata dhiyeessanii jiru.  

Guyyaa har'aa ayyaana kabajuuf namootni mana isaanii irraa ba'an shakkii tokko malee akka imalan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015