Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Obbo Dammaqaa Mokonnon Muummicha Ministiraa Ingilizii Booris Jonsan Waliin Mari’atan

82

Amajji 12/2012(TOI) - Itti aanaan muummicha ministiraa obbo Dammaqaa Mokonnon Muummicha Ministiraa Ingilizii Booris Jonsan waliin dhimmoota biyyoota lameenii irratti mari’achuun isaanii ibsame.

Xiyyeeffannoon marii kanaa walitti dhufeenya biyyoota Itiyoophiyaa fi Ingilizii gara wal deeggarsa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf yoo ta’u, kanas ciminaan hojjechuuf walii galuu isaanii ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun afeerraa irbaataa masaraa mootummaa Bekingihamitti taasifameen itti aanaan muummicha ministiraa obbo Dammaqaa Mokonnon mootii Li’uul Wiiliyaam waliin wal arganii mari’ataniiru.

Li’uul Wiiliyaam Itiyoophiyaa daawwachuuf fedhii  qabaachuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, obbo Dammaqaa Mokonnonis gama isaaniin biyyattii akka daawwatan afeerraa taasisaniiruuf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015