Godina Baaleetti Weerara Hoomaa Awwaannisaa Mudate To'achuuf Leenjiin Gochaan Deeggarame Kenname

95

Baalee Amajjii 8/2012 /TOI/ Godina Baaleetti weerara hoomaa awwaannisaa mudate to'achuuf leenjiin gochaan deeggarame ogeessota qonnaa sadarkaan jiraniif kennamee jira. 

Weerara awwaannisaa akka biyyaaf naannootti mudate miidhaa guddaa osoo hin dhaqbsiifne too’achuuf qindoominaan hojjatamaa akka jiru minsteerri qonnaaf biiroon qonnaaf qabeenya uumamaa oromiyaa beeksiseera.  

Weerara awwaannisaa kana too’achuuf hawaasa bal’aa hirmaachisuun mala aadaatii fi maloota Aammayaatti fayyadamuun hojiin too’annoo waan hojjatameef miidhaan guddaan akka hin dhaqabinis himamee jira.

Itti aanaa itti gaafatamaan waajjira qonnaaf qabeenya umamaa Godina Baalee obboo Tasfaayee oliiqaa akka jedhanitti yeroo ammaa weerara awwaanisaa aanota godinichaa 15 keessatti mul’atee jira. 

Hoomaa awwaannisaa ji’a tokkoon dura akka baaleetti mul’ate kana ofirraa qolachuuf caalmaan hawaasa naannoo hirmaachisuun sagalee adda addaa dhageessisuun mala aadaatiin ofirraa ittisaa turuu isaanii himaniiru.

Bal’inni weerarichaa babal’achaa dhufuu irraa kan ka’e qaamota dhimmi ilaallatu sadarkaan jiran waliin qindaa'uun maashinootaaf iddoolee filataman irratti xiyyaarallee fayyadamuun miidhaan guddaan osoo hin dhaqabne to’achuuf carraaqqiin jabaan godhamaa jira jedhaniiru.

Oomisha yeroo gannaa 2011/2012 akka godinichaatti midhaan gosa gara garaatiin misoome kuma 335 keessaa hanga ammaatti dhibbentaan 50 sassaabamuu isaa kan himan obboo Tasfaayeen keessattuu aanaalee midhaan hin sassaabaminirratti hoomaan miidhaa akka hin dhaqabsiifneef xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Biiroo Qonnaaf qabeenya uumamaa oromiyaatti daayireektarri eegumsa biqiltuu obboo Dajanee Hirphaa gama isaaniitiin weerara awwaanisaa akka naannoo oromiyaatti godinoota Baalee,gujiif gujii lixaaf boorana keessatti muldhatee jira jedhaniiru.  

Weerara kana bifa qindoomina qabuun too’achuuf mootummaa federaalaaf dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjatamaa jira.

Hoomaa awwaannisaa kana mala aadaatiin ofirraa qolachuuf carraaqqii godhamuun cinaatti human too’annoo cimsachuuf ogeessota godinoota baay’innaan awwaannisni keessatti mul’atan keessa jiran leenjiin hubannoo gochaan deeggaramee kennamaafii jira jedhaniiru.

Leenjichis amalootaaf gosoota awwanisa,haala walhormaataa, tooftaa itti ofirraa qolataniif kanneen biroorratti ogeessota qonnaa sadarkaan jiraniif kennamuu himaniiru.  

Leenjiin gochaan deeggarame kun godinoota biro keessattis kan itti fufu ta’u dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015