Birrii miiliyoona 900n dargaggoota kuma 10 hojii tola ooltummaarratti akka bobba’an ibsame

83

Amajji 8/2012  (TOI) Ministeerri nageenyaa Birrii miiliyoona 900 dargaggoota kuma 10  hojii tola ooltummaarratti bobbaasuuf akka ta’e beeksise.

Dargaggoonni hojii kanarratti hirmaatan dameewwan oogummaa garagaraan eebbifamanii hojii barbaadaa jiran akka ta’es ibsame.


Ministeerri nageenyaa kun hojii tola ooltumma kana ilaalchisee har’a ibsa kenneen, dargaggoonni ogummaa eebbifamaniin naannolee biyyattii garaagaraarratti naanna’uun hawaasa isaanii waggaa tokkoof tola ooltummaan ni tajaajilu.

Daayirektarri jeneraalaa dhaabbilee itti waamamtootaa waajjira istiraateejii gargaarsaa  ministeerichaaa aadde Asmaa Radii akka ibsanitti, ogummaa fi tekinika dabalatee dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanoorraa  damee ogummaa garaagaraan  eebbifaman hirmaattota ta’u.

Sagantaa marsaa jalqabaa irratti dargaggoonni naannolee hundaarraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u, bara 2011 A.L.I hirmaattota akka ta’an beekameera.

Torban lamaaf kan turu tajaajilli tola ooltummaa kun galmaa’uun kan danda’an naannoleetti gandoota isaaniitti Finfinneetti immoo waajjiraalee aanaatti galmaa’uu akka danda’an aadde Asmaan dubbataniiru.

Galmeen kun ammaa jalqabee torbee lamaaf kan turu yoo ta’uu, naannoleetti gandoota isaaniitti, Finfinneetti immoo waajjiraalee aanoleetti galmaa’uu ni danda’u jechuun aadde Asmaan dubbatan.

Dabalataan fuula weebsaayitii ministeerichaa  www.eservices.gov.et  ilaaluun galmaa’uu danda’u jedhan.

Dargaggoonni kun tajaajila kanaaf bobba’uun dura  ji’oota sadiif leenjiin akka kennamu  aadde Asmaan eeraniiru.

Tajaajjilii isaanii akka milkaa’uuf mootummaan maallaqa harkaarraa dabalatee fedhii isaanii ni guuta jedha.

Dabalataan hojiin tola ooltummaa kun carraa aragatanitti fayyadamuun carraa hojii uumuu irratti akka xiyyeeffatan dandeessisuurra darbee haala ittiin carraa hojii argatan mijeessuuf isaan dandeessisa kan jedhan immoo ministeerichatti daayirektara waliigaltee hawaasummaa biyyoolessaa fi ijaarsa qabeenya hawaasaa kan ta’an obbo Tagbaaruu Yaareedi dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015