Dorgommii maaraatoonii Londoniin morkiin Qananiisaa fi Kiipchoogee eegamaa jira

99

Finfinnee, Amajjii 8/2012 (TOI) Dorgommii maaraatoonii Londoniin morkiin Qananiisaa Baqqalaa fi Kiipchoogeen magaalaa Londanitti taasisan hawwiidhan eegamaa jira.   

Atileet Qananiisaa Baqqalaa fi atileetiin Keeniyaa Eeliyuud Kiipchoogeen dorgommii maaraatoonaa London bara Faranjootaa Ebla 26 bara 2020tin walfalmu.    

Qananiisaan sa'aa ariitii addunyaa yeroo maraa 2ffaa kan galmeessise yommuu ta'u, Kiipchoogeen ammoo abbaa riikardii maaraatoona addunyaati.   

Qananiisaan dorgommii maaraatoonii Fulbaana darbe Barliinitti taasiseen yoo injifatu, riikardii addunyaa Kiipchoogee cabsuuf sakandii 2 qofatu isa hafe ture.               

Daayreektarri maaraatoonii London Huuf Bireeshar dorgommii atleetota lamaanii addunyaan daawwachuuf hawwiidhan eegaa jira jedhaniiru.

Dorgommicharratti atileetonni Itiyoophiyaa Muussinnat Garramawii fi Mulee Waasihuun ni hirmaatu.   

Kiipchoogeen Onkololeessa keessa fiigicha maaraatoonii Veenaatti taasifameen, sa'aa 2 gadiin /sa'aa 1 fi daqiiqaa 59 fi sakandii 40/ xumuruun isaa ni yaadatama.     

Kiipchoogeen bara Faranjootaa 2013 eegalee dorgommiiwwan maaraatoonii 12 irratti hirmaachuun 11 injifateera.  

Qananiisaa fi Kiipchoogeen si'a 14 tiraakiirratti wal dorgomanii, 11n isaanii Qananiisaan injifachuu danda'eera.  

Dorgommii daandirraa 4n walarganii, Kiipchoogeen injifachuun isaa ni yaadatama. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015