Ministeerri nageenyaa hoggantootaa fi komishinaroota nageenyaa fi bulchiinsa naannoolee waliin marii gaggeessee

122

Amajjii 7/2012 (TOI) Ministeerri Nageenyaa Hoggantootaa,  Koomishinaroota Nageenyaa fi Bulchiinsa Naannoolee waliin marii gaggeesseera.    

Ministeerichi kaleessa marii gaggeesseen hoggantootaa, Koomishinaroota Nageenyaa fi Bulchiinsa Naannoolee waliin maanuwaalii raawwachiisa gorsaa garee bilisaa fi sagantaa tajaajila hawaasaa tola ooltumma biyyaalessarratti marii gaggeesseera.     

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamil gareen gorsaa bilisaa hawaasa gidduudha kan filataman ta’uu ibsaniiru.  

Garichi yakka duursanii ittisuurratti tajaajila poolisii laachuu akka danda’uu fi poolisii waliin ta’uun qindoominaan tajaajila hawaasaa qulqulluu fi bilisa ta’e ni laata jedhaniiru.

Sagantaa tajaajila tola ooltumma biyyaalessaa irrattis mari’atameera.

Saganticha eegalchiisuuf qaamoolee dhimmi ilaallatuuf hojii hubannoo uumuurraa eegalee hojiilee hedduun hojjetamuu ibsameera. 

Hojii barbaaddoonni Koollejjii fi Yuunvaarsiitiiwwan garaagaraa irraa eebbifamanii qaama sagantichaa ta’uuf galmaa’aniiru jedhan.

Haata’uutii, aanoolee tokko tokkotti hanqina odeeffannoorraa ka’uun akkataa barbaaddameen galmee gaggeessuun hin danda’amne jedhameera. 

Naannooleen rakkoo kana furuun adeemsa galmee saffisiisuu akka qaban dubbatamuu isaa ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015