Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti hojiin misooma sululaa itti fufeera

116

Amajjii 6/2012 (TOI) Hojiin Misooma Sululaa Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti itti Fufuu isaa biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa ibseera.


Hogganaan itti aanaa itti gaafatamaa damee qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii  akka jedhanitti hojiin misooma sululaa bara kanaa Amajjii 01/2012 irraa eegalee godinaalee garaa garaa keessatti itti fufa.

Misooma kanaaf sululawwan kumni 6 fi 448  adda kan ba’e yoo ta’u, namoota miiliyoonni 6.8 hirmaachisuu akka danda’us ibsameera.

Hojii misooma sululaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa bara kana boqonnaa qophii keessatti hojiiwwan babal’aa kan hojjetamaa turan ta’uu isaa kan dubbatan Obbo Indaalkaachoo ogeessonni qonnaa fi gaggeessitoonni sadarkaan jiran akkasumas kutaan hawaasaa garaagaraa leenjii argachuun hojiittin akka galu taasifamuu isaa ibsan.

Bara kana iddoowwan misoomu karaa saayinsaawaa ta’een  adda baasuun hojiitti galuu isaaniis ibsanuu, Oromiyaa keessatti lafa hektaara miiliyoona 2.1 irratti hojiin misooma sululaa duulan eegalameera jedhan. 

Hojiin kun yeroo ammaa godinaalee kudhan keessatti akka eegalame kan ibsan obbo Indaalkaachoon, godinaalee hafan kudhan keessatti ammoo Amajjii 15/2012 akka jalqabamu eeran.

Daagaawwan kanaan dura hojjetamaniif bakka barbaachisoo ta’etti suphaan akka taasifamu ragaan biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa arganne ni muli’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015