Ijaarsawwan Duubatti Harkifatan Xumuruuf Xiyyeeffannoon Kennameera - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsawwan Duubatti Harkifatan Xumuruuf Xiyyeeffannoon Kennameera
Amajji 6/2012 (TOI) Naannoo Oromiyaatti bu’uraalee misoomaa turtii yeroo kennameef keessatti hin xumuramne hatattamaan akka xumuramuuf xiyyeeffannoo kennuusaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.
Itti gaafatamtoonni hojii naannichaa daandiiwwan baadiyaa godinaalee Buunnoo Beddelee fi Ilubbaabooritti ijaarsarra jiran daawwataniiru.
“Mootummaan naannichaa bajata dabalataa ramaduu irraa eegalee hojiiwwan hordoffii fi to’annoo cimsuun xumuruuf hojjetaa jira`` kan jedhan sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa kilaastara qonnaa doktar Girmaa Amanteeti.
Godina Ilubbaaboor aanaa Yaayyootti daandiin kiilomeetirri 29 Yaayyoo-Elemiin dabalatee naannichatti ijaarsa daandiiwwan baaddiyyaa 7 turtii yeroo qabameefitti akka hin xumuramne ibsaniiru.
Aanaa Yaayyootti dhaabbata bishaan qulqulluuf bajanni birrii miiliyoona 47 ol ramadame bara 2007 A.L.I jalqabamee hanga dhuma bara bajatichaatti xumuruuf hojjetamaa jira jedhan.
Duubatti harkifannaa bu’uraalee misoomaa kanaaf qaamolee sababa ta’an irratti tankaanfiin ni fudhatama jedhan doktar Girmaan.