Paartiileen Sochii Duula Filannoo Eegalan Gocha Isaanii Irraa akka of qusatan himame

64

Finfinnee, Amajji 6/2012(TOI) Paartileen siyaasaa Yeroo ammaa sochii duula filannoo jalqaban gocha isaaniirraa akka of qusatan boordiin filannoo biyyoolessaa akeekkachiise.

Boordichi gabatee yeroo wiixine filannoo biyyoolessaa 6ffaa adeemsifamu ilaalchisee qaamolee ilaallatan waliin har’a Finfinneetti mar’ataa jira.

Boordichi yeroo ammaa paartiileen siyaasaa duula `na filadhaa` eegalan sirrii akka hin taane hubachiisuun gocha kana irraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Walitti qabduun boordichaa aadde Burtukaan Miidhaksaa haala boordichi gabatee yeroo duula na filadhaa baaseen  paartileen hunduu duula filannoo gaggeessuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Kanaan yeroo ammaa paartiileen sochii eegalan gocha isaaniirraa akka of qusatan qajeelcha dabrsaniiru.

Boordichi gabatee yeroo wiixinee filannoo baaseen yeroon duulli na filadhaa kan adeemsifamu Ebla 27 hanga Hagayya 5/2012 A.L.I dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015