Walga’iin Marii Hidha Haaromsaarratti Gaggeeffamaa Ture Waliigaltee Malee Xumurame

51

Finfinnee Amajjii 01/2012 (TOI) - Walga’iin marii Hidha haaromsaarratti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame.     

Hidha Haaromsaarratti walga’iin teknikaa Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Finfinneetti guyyoota lamaaf gaggeeffamaa turuun isaa kan yaadatamu dha.   

Marichaanis Gibts haala bishaan itti guutamuu fi gadi dhiifamu irratti yaada haaraa waan dhiyeessiteef Itiyoophiyaan yaadicharratti walii hin galle jedhameera.  

Itiyoophiyaatti Ministerii bishaan, jallisii fi inarjii Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa akka jedhanitti Marichaan Gibts haala bishaan itti guutamuu fi gadi dhiifamu irratti yaada haaraa waan dhiyeessiteef mariin kun waliigaltee malee xumurameera jedhaniiru.

"Gibts yaada akkaataa guutinsa bishaan hidha haaromsaa irratti yaada haaraa qabattee dhiyaattee jirti, marii kana irratti karaa biyya Gibtsiin namootni hirmaatanis yaadni isaanii akka fudhatama argatuuf jecha dubbataa waan turaniif mariichi waliigaltee malee xumurameera " jechuun Injiinar Silashiin duubataniiru.

Yaada Gibts dhiyeesitee keessaas akkaataan guutinsa bishaan hidha haaromsaa kun waggaa 12 hanga 21 akka ta'u kan jedhu waan ta'eef gama Itiyoophiyaan yaadni kun fudhatama hin arganne jedhaniiru.

Akkaataan guutinsa bishaan hidha Haaromsaa kunis waggaa qabameef torbatti akka xumuramuuf Adoolessa bara kana irraa eegalee hojiitti kan galamu ta'uus dubbataniiru.  

Karaa biraan immoo wayita gogiinsi uumametti akkaataan bishaan itti gadii lakkifamu kannaan dura waliigaltee irra ga'amee kan ture yoo ta'es, gama Gibtsiin bishanichi hidha Asiwaan waliin wal qabachu qaba jechuun akka haaraatti ka'uu isaas ibsaniiru.   

Yaada Itiyoophiyaan gama kannaan furmaataa ni ta'a jette kaaftee Gibtsi fudhachuu dhisuu ishees Ministerrichi himaniiru.  

Ministiroonni biyyoota sadaniis haala marii hanga ammaatti taa'amee bulchittoota biyyoota isaaniif kan dhiyeessan ni ta'a.     

Ministiroonni biyyoota sadaniis wixata dhufu irraa eegalee haala marii hanga ammaatti ture kana gara Waashingitan imaluun Pirezdaantii Baankii Adduunyaa fi Ameerikaaf kan dhiyeessan ta'aa.   

Marii Wixata irraa eegalee taasifamu kana irratti Ministironni dhima alaa biyyoota sadeenis ni argamu jedhameera.   

Biyyootni kunneen marii Amajjii 4 bara 2012 Waashingitan irratti gaggeeffamu irratti waliigaltee irra ni ga'u jedhamee eegamee. 

Biyyootni sadan kun hanga Amajjii 6 bara 2012tti waliigaltee irra yoo kan hin geenye ta'e walii galteen kana dura Kaartum irratti mallatteeffamee keeyyatni 10 hojii irra kan oluu ta'a jedhameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015