Maalaawwiin Hariiroo Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuu Feeti

75

Mudde 30/2012 (TOI) - Ministirri dhimma alaa Maalaawii Firaansis Kalaliyaa fi teessuma isaanii Naayiroobii kan taasisan keeniyaatti aangoo guutuu federaalaa kan qaban ambaasaaddar Mallas Alam magaalaa guddoo Maalaawii Lilongiwetti kaleessa waliin dubbatani

Ambaasaaddarri kun Maalaawiitti xalayaa muudama isaanii dhiyeessuuf deemuun isaanii Itiyoophiyaa fi Maalaawii gidduu walitti dhufeenya ture cimsuuf waan ta’eef yeroo itti aanutti waliin hojjechuuf fedhii qaban ibsaniiru.  

``Finfinneen mana Afriikaa hundaati`` kan jedhan ministirichi dhimma alaa Maalawii kun, muummichi ministira Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahmad  kutichatti nageenyi akka dhufuuf yaalii isaan taasisaa jiran diqisiifataniiru.

Teessoo isaanii Naayiroobii kan taasisan, maalaawwii, Siishalsii fi Morookkoo kan ga’an ambaasaaddara Mallas Alam gama isaaniin, Itiyoophiyaan dameewwan Aviyeeshinii fi qonnaa akka cimu fedhii guddaa qabdi jedhan.

Kanaan dura waliigaltee mallatteessan haala fooyya’aan hojiirra oolchuuf biyyoonni lamaanuu mijeessuu qabu.

Daandiin xayyaara Itiyoophiyaa torbanitti guyyaa 7 gara Maalaawiitti akka balali’uu fi daandii xayyaara Maalaawii waliin gargaarsa tarsiimawaa ta’een hojjechuun isaanii walitti dhufeenya biyyoota lamaanii caalaatti akka walitti hidhu ibsuun, ittisa imala namaa seeraan alaa irratti hojjechuu akka barbaadan ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Ambaasaaddarri kun haala yeroo Itiyoophiyaan keessa jirtu ilaalchisee ministira dhimma alaa Firaansis Kalaliyaaf ibsa kan taasisan yoo ta’u, guyyaa har’aa kana xalayaa muudama isaanii pirezidaantii Maalaawii pirofeesar Pitar Muntarikaatti akka dhiyeessan waajjiri odu himaa dhimma alaa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015