Koreen Tekiniikaa Ministeerota Biyyoota Sadanii Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Ilaalchisuun Finfinneetti Walga’ii jalqaban

52

Finfinnee Mudde 29/2012(TOI) - Dhimmoota tekiniikaa hidhaa guddicha haaromsa a Itiyoophiyaa irratti  koreen tekinikaa ministeeronni bishaanii biyyoota sadanii  mari’achuuf har’a walga’ii marsaa dhumaa Finfinneetti jalqabameera.

Walga’iin korichaa dhimmoota guutama bishaan hidhichaa fi hooggantootaan walqabatan irratti akka xiyyeeffatan beekameera.

Har’aa eegalee walga’ii guyyoota lamaaf adeemsifamuun ministirri bishaanii Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsii koree ramadame dabalatee bakka bu’oonni Ameerikaa fi Baankii addunyaa argamaniiru.

Ministeeroonni biyyoota sadanii dubbii baninsa marichaarratti taasisaniin, mariin kun  bu’a qabeessa akka ta’u abdii fi fedhii isaanii ibsaniiru.

Ministirri bishaanii, jallisii fi elektirikaa Itiyoophiyaa doktar Silashii Baqqalaa yeroo kana akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan ijaarsi hidhichaa jalqaba irraa eegalee iftoominaan akkasumas miidhaa kamuu geessisuu akka hin dandeenye kan mirkaneessan sanadoota 150 ol biyyoota lamaaniif erguu ishee yaadataniiru.

Waggoota darban baay’eef biyyoonni sadan walmormii taasisaa turaniin dhimmisaa yeroo ammaa akkaataa bishaan itti guutamuu fi sadarkaa hoggantootaarra ga’uu isaa yaadataniiru.``walga’iin kun hiyyummaa balleessuuf carraa seena qabeessa kenneera`` jedhan.

Itiyoophiyaan hidhaa humna bishaan maddisiisuu misooma dinagdee hawaasaa irra oolchuuf malee eenyuunuu miidhuuf akka hin taanee ibsuun, Itiyoophiyaan furmaata biyyoonni sadanuu ittiin mo’atan  akka hawwitu ibsaniiru.

Hidhaan guddichi kunis biyyoota yaa’a gadii irratti miidhaa kan hin qabnee fi lolaa fi gogiinsa ittisuuf faayidaa akka qabu mirkaneessaniiru.

`Rakkoolee tekiniikaaf furmaata tekiniikaa barbaachisa` kan jedhan doktar Silashiin, korichi walii galtee sirriirra ga’uuf giddu-galumsa siyaasaarraa bilisa ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Lagni Naayil bishaan guddaa hundumaan ga’uu waan ta’eef walfalmiin jiru itti fayyadama irratti malee hirmaannaa bishaanii irratti akka hin taane eeraniiru.

Ministirri bishaanii Gibtsii akka jedhanitti, dhimmoonni guutama bishaanii fi hoggansi tekiniikaa gargaarsaa fi gurmaa’inaan  gaggeeffamuu qaba.

Gibtsiin rakkoon hir’ina bishaanii akka mudate ibsuun, hidhichi haala Gibtsiin  hin miineen, hidhaa Aswaan irrattis karaa miidhaa hin geessifneen  akka ta’u akka feetu  ibsaniiru.

Ministirri bishaanii Sudaan pirofeesar Yaasin Abbaas hanga ammaatti marii bal’aan taasifamuu fi dhimmoonni baay’een ka’uu isaa yaadataniiru.

Dhimmoota haala guutama bishaanii fi tekiniikaan mariin jalqabame   gargaarsa irratti kan hundaa’e walii galteerra ga’uu qaba jedhan.

Sudaan walii galtee biyyoonni sadan fayyadamoo ta’an akka barbaaddu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015