Sayidoo Maaneen Taphataa Cimaa Sarara Fuulduraa Afrikaa Waggaa kanaa Ta’e

74

Finfinnee Muddee 29/2012 (TOI) - Lammiin Seeneegaalii fi taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul Sayidoo Maaneen taphataa cimaa sarara fuulduraa Afrikaa bara kanaa ta’e.

Sayidoo Maaneen Mahaammad Saalaahi fi Riiyaad Maahireez caaluun taphataa cimaa bara Faranjootaa 2018/2019 Afrikaa ta’uun filatamuu isaa himameera. 

Maaneen bara dorgommii 2018/2019 keessa taphoota hunda irratti goolii 30 galchuun Liivarpuulii abbaa waancaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa akka ta’u shoora olaanaa bahee jira. 

Bara kanas priimar liigii Ingiliz irratti goolii 15 galchuun liivarpuul liigicha garaagarummaa qabxii 13 akka dursuuf qooda olaana taphateera. 

Sirna badhaasaa kana irratti dubbii taasiiseen Maaneen ‘mo’achuu kootti daraan gammadeen jira, kubbaan miilaa hojii kooti, hojii koo ammoo baayy’een jaaladha’ jedheera. 

Sirnichi Gibtsi magaalaa Huraagihaadaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, Mahaammad Saalaahi fi Riiyaad Maahireez sirnicha irratti hin argamne jdhameera. 

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015