Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Sanbata Dhufuu Kaasee Guyyoota lamaaf Afriikaa Kibbaa Ni Daawwatu

87

Mudde 27/2012(TOI) – Raawwiin hojii koree waliinii hawaasaa fi misiyoonichaa daawwannaa Afriikaa Kibbaa ministira muummee Dr. Abiyyi ahimad milkeessuuf hundaa’e gaggeessummaa waltajjii da’eetaa ministiraa ministeera dhimmi alaa  Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanootiin Johaanisbargitti qoratameera.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad A.L.A tti Amajjii 11-12/ 2020tti Afriikaa kibbaa ni daawwatu.

Wayita daawwannaa kanaatti hojiiwwan dayaasporaa fi dippilomaasii lammummaa irratti xiyyeeffatan kan hojjetaman  yoo ta’u, kanneen keessaas qophii addaa fi xiyyeeffannoodhaan A.L.Atti Amajjii 12/2020 Istaadiyeemii Impeeriyaal Wanderers Kiriikeetitti kan adeemsifamu waltajjiin diyaasporaa tokko akka ta’e odeeffannoon Embaasii Itiyoophiyaa Piriitooriyaarraa argame ni mul’isa.

Mirgaa fi kabaja Lammiilee Itiyoophiyaa eegsisuun qaama imaammata dhimmi alaa yoo ta’u yeroo jalqabaa ta’uusaa ministirittiin wayita marii taasifametti kan ibsan yoo ta’u, kanarratti hundaa’uudhaan waltajjiin diyaasporaa Afriikaa guddichi Afriikaa kibbaatti akka qophaa’e dubbataniiru.

Kaayoon walga’iin har’aas hojiiwwan korichaa hafan qorachuudhaan kallattii fuulduraa kaa’uuf akka ta’e ibsaniiru.

Ambaasaaddar Dr. Shifarraaw Taklamaaram hojii qophiin duraa haala irra jiru kan ibsan yoo ta’u, itti fufuun raawwiin hojii koree qabeenya walitti qabuu, koree miidiyaa fi komunikeeshinii, koree dadammaqsaa fi kanneen biroo akka ilaalame, walumaa gala hojichi haala gaariirra akka jiru eeraniiru. Hojiiwwan hafan torbee kana xumuruudhaan daawwannaa ministira muummee Dr. Abiyyi milkeessuuf walii galamee hojjetamaa akka jiru odeeffannoon Embaasicharraa argame ni agarsiisa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015