Maaraatoonii Idil Addunyaa Ziyametti Atileetonni Itiyoophiyaa Koorniyaa Lamaanuu Mo’atan

139

Finfinnee Mudde 27/2012 (TOI) - Kaleessa dorgommii maaraatoonii idil addunyaa Chaayinaatti taasifameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaanuu mo’atan.

Atileetiin Keeniyaa Ruban Keriya sa’atii 2 fi daqiiqaa 8 fi sakondii 46n 2ffaa kan ba’e yoo ta’u, atileet Girmaay Birhaanuu sa’atii 2 fi daqiiqaa 8 fi sakondii 52n  3ffaa  ba’eera.

Haala bu’aa qabxichaatiin atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu waggoota walitti aanan afuriif maraatoonii idil addunya Ziyamee mo’achuun olaantummaa qabachuu isaanii gabaasni atileetiksii idil addunyaa agarsiiseera.

Maraatooniin yeroo 8ffaaf idil addunyaa Ziyametti gaggeeffamu atileetiksii idil addunyaatti dorgommii sadarkaa warqiin itti kennamedha.

Karaa biraa har’a dorgommii qaxxamura biyyaa Kamchiyo Xaaliyaanitti adeemsifamu kiilomeetira 10 dhiiraan atileetii Lammeechaa Girmaa akka mo’atu tilmaamameera.

Atileet Taaddasaa Warquu atileetii Itiyoophiyaa dorgommicharratti hirmaatu dha.

Dubartootaan dorgommii kiilomeetira 6 Atileetonni Alamituu Taarikuu fi Footan tasfaayee ni hirmaatu.

Atileetii Keeniyaa Margaret Chelimo akka mo’attu tilmaamameera.

Atileetonni Keeniyaa, Xaaliyaanii fi Iswiidin dorgomtootaa sadarkaa olaanaan atileetota Itiyoophiyaanotaa akka dorgoman ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015