Godina Gujiitti Misooma Magariisaa Cimsuuf Biqiltuun Miiliyoonni 98 Qophaa’aa Jira

63

Nagallee Mudde 24/2012 (TOI) - Godina Gujiiitti waytii bonaa biqiltuu miiliyoona 98 qopheessuun misooma magariisaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksie.

Biqiltuu dhaabuun, kunuunsanii guddisuu fi naannoo isaanii misoomsuun fayyadamaa ta’uuf akka hojjetan jiraattonni magaalaa Nagallee fi naannoo ishee ibsaniiru.

Waajjirichatti ogeessi qabeenya uumamaa obbo Wandoo Sharbootee ji’oota bonaa qabamaman kanatti Godinichatti aanolee 14tti buufata biqiltuu baay’isuu 555 argamutti biqiltuu qopheessuuf hojjetamaa jira.

Hanga ammaatti biqiltuuwwan garaagaraa miiliyoona 22 ol akka qophaa’e eeranii, bakka biqiltuuwwan kun dhaabbatan godinichatti naannoowwan qullaa ta’anii fi lolaa gannaan miidhaman qorannoon adda baasaniiru.

Biqiltuuwwan qophaa’an keessaa giraaviliyaa, gaattiraa, koosoo, waddeessa, baargamoo, marga nyaata loonii fi mukeewwan  gaaddisaa biyya keessaa keessatti argamu.

Godinicha magariisa taasisuuf hojii hojjetamaa jiruun lafti miidhame hektaara kuma kudhan tuttuqaa namaa fi beeladaarraa bilisa taasisuuf akka hojjetamaa jiru obbo Wandoon ibsaniiru.

``Godinichatti aanolee hunduu fi magaalonni hojii qophii biqiltuu fi dhaabbii irratti ummanni hanga kuma 181 ta’u ni hirmaata jedhamee eegama`` jechuun ogeessi kun eeraniiru.

Waggaa darbe biqiltuu miiliyoona 74 fi kuma 700 dhaabamaniif qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni kunuunsaa fi eegumsa taasisaniin biqiltuu miiliyoonni 56 akka qabate yaadataniiru.

Jiraataan naannoo magaala Nagallee obbo Abdii Nuur biqilaa giraaviliyaa fi gaattiraa dhaabanii kunuunsaan jiru.

Yeroo itti aanuuf biqiltuu dhaabuu itti fufuuf qophiirra akka jiranis dubbataniiru.

Jiraataa naannichaa kan ta’e dargaggoo Badhaadhaa Samaloo ``naannoo goginsi irra deddeebiin miidhu biqiltuu dhaabuun akka misoomuuf uumanni nu dirqisiisaa dhufeera`` jedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015