Manni Maree Gorsaa Dinagdee Walabaa Hundaa'uufi

63

Finfinnee Mudde 21/2012 (TOI) - Mootummaan Mana Maree Gorsaa Dinagdee Walabaa hundaa'uuf akka ta'e waajjirri muummee ministiraa beeksiseera. 

Manni marichaa miseensota dhimma dinagdeerratti yaada gorsaa dhiyeessan 15 kan of keessatti hammatedha jedhameera.

Namootni mana maree kana keessatti hirmaatan nageenya waaraa fi hunda irraa kan walitti baba'an, dinagdee biyyattii fi haala hawaasummaa biyyattii kan hubatan, garaagarummaa yaadaa mariin hikuu kan fedhanii fi hundumaa ol immoo biyyaa fi ummata isaanii kan jaalatan ta'uu qabus jedhameera.

Haalli miseensonni kun ittiin calalamanis karaa iftoomina qabuun kan adeemsifamu yoo ta'u, guyyaa har'aa irraa eegalees eruu namoota kanaa kan fudhatu ta'uu waajjirri muummee ministiraa beeksiseera.

Namootni miseensa mana maree kanaa ta'uu fedhanis guyyaa har'aa kana irraa eegalee hamma guyyoota 15 dhufanitti karaa Imeelii policyunit@pmo.gov.et jedhuun ragaa barnootaa fi ragaalee biroos erguu qabu jedhameera.

Damichaan namoota beekumsa bal'aa qaban mana marichaatti dabaluuf kan hojjetu ta'uus Waajjirri Muummee Ministiraa beeksisa baasuu ifoomseera.

Namoota lammummaa Itiyoophiyaa qabaniin cinaatti, dhalattoonni Itiyoophiyaa mana marichaa keessatti hirmaachuu ni danda'u jedhameera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015