Daandiin Aspaaltii Goree – Maashaa – Teeppii kiilo Meetira 142 Ta'u Hojiin Eegalame

86

Mattuu Mudde 13/2012 /TOI/ - Daandiin Aspaaltii Goree – Maashaa – Teeppii kiilo meetira 142 ta'u hojiin kan egalame ta'uu abbaan Taayitaa daandiiwan Itiyoophiyaa beeksiseera.

Abbaa Taayitaa daandiiwan Itiyoophiyaatti Daarektarri komunikeeshinii obbo Saamsoon Wandimmuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti hojiin daandii kanaa kaleessa ifatti eegaleera jedhaniiru.

Baasii birrii biiliyoona 4 tuqaa 5 ta'u kana mootummaa Itiyoophiyaa fi baankii biyya Kooriyaa Egiziim jedhamutu danda’e jedhameera.

Obbo Saamsoon akka jedhanittis daandiin kun kaampaanii biyya Kooriyaa "Haayundaayi Develooppimanti " jedhamuun kan hojjetamu yoo ta'u, waggaa 4 fi ji'a 6 keessatti kan xumuramu dhas jechuun himaniiru.

Hojii to'aannoo isaas kaampaanii  "Susoong Injinariingii" fi "Neet Konsaltiing" jedhaman kan hojjetan ta'uus obbo Saamsoon himaniiru.

Daandiin kun naannoo Oromiyaa, Kibbaa fi Gaambeellaa kan wal quunnamsiisu dha jechuun dubbataniiru.

Hojjetamuun daandii kanaa Oomishaaleen naannolee kanneenitti omishaman kan akka Bunaa, Dammaa fi Abasuudni garaa garaa gabaatti akka dhiyaatuuf ni gargaaras jedhaniiru.

Hojiin daandii kanaas yeroo qabameefitti akka xumuramuuf ummatni naannoo sanaa waan isa irraa eegamu hunda taasisu qabas jechuun dubbataniiru.

Abbaan Taayitaa daandiiwan Itiyoophiyaas bara bajataa kanatti daandiiwan garaa garaa 90 ta'an jalqabsiisuuf adeemsa caalbaasii irra kan jiru ta'uus eraniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015