Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Balallii Ateens Waggoota 18 Dura Addaan Kutee Ture Eegale

74

Mudde 12/2012 (TOI) - Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Balallii Ateens Waggoota 18 Dura Addaan Kutee Ture Eegaluusaa beeksise.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa har’a ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti Ateens deebitee balallii daandii Itiyoophiyeetti makamteetti.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Mudde 8/2012 kan jalqabe balalliin Ateens daandiin qilleensichaa ardii addunyaa hundatti   bakka ga’umsasaa 127 akka taasisu ibsameera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaarota ammayyaa waggaa shanii gadi tajaajilan 125 tajaajilarra oolchuusaa fi waggaa darbe qofa Xiyyaarota Ammayyaa 10 fudhatee tajaajilaaf oolchuusaa beeksiseera.

Bara 2025 mul’ata bira ga’uuf kaawwate hojiirra oolchuu erga jalqabee asitti dacha afuriin guddachuusaa odeeffannoon dhaabbaticharraa argame ni eera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dame aviyeeshinii afriikaa  dursuu bira darbee sadarkaa idil addunyaatti kan beekaman keessaa tokko ta’uu danda’eera.

Kana malees beekamtii fi badhaasa idil addunyaa hedduu argachuusaas himameera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa torbee kanas Ameerikaa Hiwistenitti tajaajila balallii eegaluunsaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015