Liigiin dargaggootaa ODP yaa’ii 4ffaa isaa gaggeessaa jira

184

Liigiin dargaggootaa ODP yaa’ii 4ffaa isaa gaggeessaa jira

Amajjii 15/2011)-Liigiin dargaggootaa ODP Yaa’ii idilee 4ffaa isaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaattii gaggeessamaa jira.

Yaa’iin kun guyyaa har’aa ifaan kan eegale yoo ta’u Itti Anatuu Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aaddee Xayibaa Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoo argamaniiru.


Itti Antuu Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aaddee Xayibaa Hasan yaa’icha wayita ifaan banan haasaa taasisaniin, ODPn dargaggoonni gama siyaasaan, gahumsa hoggansaa horatanii dirree qabsoo hunda keessatti adda duroota akka ta’aniif hojjechaa tureera jedhan.


Dhaloota hardhaa ijaaruun ykn gurmeessuun egeree naannoo fi biyya keenyaatiif murteessaadha kan jedhan aadde Xayibaan, waan nurra gahee tuttuqnee of madeessuu keessaa bahuu qabna jedhaniiru.

Seenaa madaa nutti ta’ee darbee sun akka hin deebiineef carraa argannetti fayyadamnee aadaa siyaasaa hundi karaa haqa qabeessaafi dimokraatawaa ta’een keessatti taphatu uumuu qabna.

Ergamni kun dargaggootaan yoo hin qajeelle fi daandii hin qabanne milkaa’uu hin danda’u .

Kanaafuu liigiin dargaggootaa dhaloota siyaasaa mo’ataa tarkaanfachiisu uumuudhaaf gurmaa’inoota dargaggootaa cimsuudhaan gahuumsaafi dandeettiisaanii ijaaruu akka qaban Adde xayibaan hubachiisaniiru.


Yaa'iicharratti paartileen obbolaa liigii dargaggootaa fi ergaa dababarsaniiru.
Yaa'ichi guyyaa sadiif kan itti fufu ta'a.

Madda- BDHKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015