Itiyoophiyaan saatalaayitii Jalqabaa Gara Hawaatti Erguun Ishee Sadarkaa Addunyaatti Dorgomtuu Akka Taatuuf Ni Gargaara----MM Abiyyi - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan saatalaayitii Jalqabaa Gara Hawaatti Erguun Ishee Sadarkaa Addunyaatti Dorgomtuu Akka Taatuuf Ni Gargaara----MM Abiyyi

Finfinnee Mudde 10/2012 (TOI) - Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaa gara hawaatti erguun ishee sadarkaa Addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf ni gargaara jedhan muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.
Saatalaayitiin kun Jijjiirama qilleensaa to'achuu, qorannoo fi qo'annaa qonnaa akkasumas hojii albuudaa, hojiilee bu'uuraalee misoomaa hojjechuuf ni gargaartis jechuun dubbataniiru.
Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.
Saatalaayitittiin ardii daawwatu mooggaasni ishee “ETRSS-1” jedhamtu kun har'a gara hawaatti ergamteetti.
"Saatalaayitiin har'a Itiyoophiyaan Furguggisiifte kan jalqabaati malee kan dhumaa mitis " jedhaniiru muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.
Hojiin saatalaayittii kanaas jijjiirrama qabeenya qilleensaa to'achuu, qorannoo fi qo'annaa qonnaa akkasumas albuudaa gaggeessuu, hojiilee bu'uuraalee misoomaa hojjechuuf ni gargaartis jechuun dubbataniiru.
Itiyoophiyaan kannaan dura saatalaayitii mataa ishee kan hin qabne ta'uu kan eeran muummeen ministiraa suuraalee garaa garaa biyyoota adda addaa irraa bitaa turtee jedhaniiru.
Saatalaayitiin kunis biyyattiin waan hundaan dorgomtuu akka taatuuf kan gargaartu dhas jechuun dubbataniiru.
Hordoffii fi to'annaa, akkasumas sochii saatalaayitittii Obaarvaatoorii Spees Saayinsii Inxooxxootti kan hogganu ogeeyyii Itiyoophiyaa ta'uus himaniiru.
Buufata furgugsaa saatalaayitii Chaayinaatti, bakka qondaaltonni mootummaa argamanitti sirni saatalaayitittii hawaatti ol erguu raawwateera.
Saatalaayitittiin imala kiilo meetira 700 xumuruun bakka yaadameef ga'uun ragaa erguu eegalteetti.
Saatalaayitiin komunikeeshinii fi odeeffannoo Ityoophiyaa kun magaalaa Chaayinaa Beejiingii irraa fageenya kiilo meetira 400 irraayyi gara hawaatti kan ergamte.