Itiyoophiyaan Saatalaayitii Jalqabaa Gara Hawaatti Erguun Milkoofte

127

Finfinnee Mudde 10/2012 /TOI/ - Itiyoophiyaan Saatalaayitii jalqabaa gara Hawaatti erguun milkoofte.

Giddugala qorannoo Hawaa Itiyoophiyaatti ogeessi Astiroo Fiizistii Doktar Sabluu Humnee Itiyoophiyaan Saatalaayitii jalqabaa erguu danda'uun ishee fuula duraaf jalqabbii gaarii ta'a jedhan.

Doktar Sabluu Humnee turtii bilbilaan obn waliin godhaniin akka jedhanitti Itiyoophiyaan buufata qorannoo Hawaa Chaayinaatti yeroo jalqabaaf kan ergite fuula dura asuma Itiyoophiyaadhaa erguuf ogeeyyii biyya Chaayinaatti erguun leenjisuurratti akka argamu.

Saatalaayitiin jalqabaa Itiyoophiyaan gara Hawaatti ergitee KM. 700 lafarraa fagaatti jedhan.

Fayyidaa baay'eef akka ooltu himuun fuula duraafis saatalaayitii tajaajila gosa adda addaaf oolu biyyuma keessatti hojjechuun seektara qorannoo Hawaa biyyatti guddisuuf jalqabbiin milkiin eegalameera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015