Itiyoophiyaan Saatalaayitii Jalqabaa Gara Hawaatti Furguggisiifte

142

Mudde10/2012(TOI) – Itiyoophiyaan Saatalaayitii “ETRSS-1 jedhamtu gara hawaatti furguggisiifteetti.

Mayikiroo Saatalaayitiin kun har’a akka furguggisiifamtu kan murtaa’e  haalli qilleensaa naannawa sana jiru mitataa akka ta’e waan mirkanaa’eefi. Furguggifamuun saatalaayitii kanaa Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf teekinooloojii Ispeesii waliin kan jalqabaa ta’uushee kan mirkaneessudha.

Saatalaayitiin kiiloogiraama 72 taate kun Beejiingirraa fageenya kiiloomeetira 400 bakka Taayiduwaa jedhamurraa kan furguggifamte yoo ta’u, kiiloomeetira 700 fagaachuudhaan daqiiqaa 30 keessatti bakkashee akka qabattu beekameera.

Saatalaayitiin kun guyyaa har’aa kan furguggifamte Rookeettii ‘Longi Wayi Foor bi’ jedhamuun akka ta’e beekameera.

Itiyoophiyaan Saatalaayitii kana qonna, bosonaa fi eegumsa haala qilleensaa, albuudaaf, qorannoo qabeenya uumamaa fi odeeffannoo sassaabuuf, bu’uura misoomaa diriirsuu fi eeguuf akka itti fayyadamtu ni eegama.

Itiyoophiyaan waa’ee saayinsii hawaa bara 1950 keessa yaada qabaattus akka har’aa biyyoota 70 keessaa tokko ta’uuf hin milkoofne ture.

Ijaarsa Chaayinaa waliin ta’uun taasifame kanarratti Injiinaroonni Itiyoophiyaa 20 hojii kanarratti hirmaataniiru.

Kana booda saatalaayitii kana to’achuu fi odeeffannoo walitti qabuun guutummaatti Itiyoophiyaanotaan raawwatama.

Itiyoophiyaan fuulduraaf Komunikeeshinii fi Biroodcaastiidhaan Saatalaayitii furguggisuu fi Afriikaa bahaatti tajaajila Saatalaayitiirraa sharafa biyya alaa argachuuf hojjetamaa akka jiru odeeffannoowwan ni mul’isu.

Gara fuulduraattis Itiyoophiyan diizaayinii ofiisheetiin Saatalaayitii oomishuuf hojjechaa jirti

Jilli mana maree bakka bu’ootaa ummataa, ministeera Innoveeshinii fi Teekinoloojii Inistiitiyuutii Saayinsii fi Teekinooloojii Saayinsii Ispeesii Itiyoophiyaa akkasumas gaazexeessitootarraa walitti baba’e sagantaa furguggisuu Saatalaayitii Chaaninaarraa taasifamerratti argameera.

Sagantaa giddu galeessa qorannoo Inxooxxoo Obzarvaatorii irratti itti aanaan muummee ministiraa Dammaqaa Mokonnin, af yaa’iin mana mare federeeshinii Keriyaa Ibraahiim, ministirri muummee duraanii Hayilamaaram Dassaalanyii fi hoggantoonni olaanoon, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Chaayinaa fi ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaa akkasumas namoonni beekamoon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015