Itiyoophiyaa Fi Fandiin Misoomaa Saawdii Arabiyaa Waliigaltee Liqaa Doolaara Ameerikaa Miiliyoona Dhibba 1 Fi Miiliyoona 40 Mallatteessan

85

Finfinnee Mudde 9/2012 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Fandiin Misoomaa Saawdii Arabiyaa waliigaltee liqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 mallatteessan.

Sirna mallattoo har'a waajjirra muummee ministiraatti gaggeeffame kana irratti muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad argamaniiru.

Waliigaltichas ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi itti aanaan dura taa'aa fandichaa Kaaliid Alkihuudraan har'a mallatteessaniiru.

Liqichi dhala xiqqaa fi yeroo dheeraan kan kaffalamu dha.

Maallaqicha keessaa Doolaarri miiliyoonni 75 daandii Dabra Maarqoosii - Mooxaa kiiloo meetira 118 ijaaruuf oola.

Daandiin kunis waggoota 5 keessatti ni xumurama jedhamee eegama.

Doolaarrii miiliyoonni 65 ammoo sagantaa 'Waan Wash' biyyoolessaaf oolas jedhamee jira.

Dabalataan naannoo Afaarii fi Somaaleetti humna elektiriika maddisiisuuf waliigalteen dhaabbata Saawdii Arabiyaa 'Akwaa Paawar' waliin mallatteeffameera.  

Waliigaltichi tumsa mootummaa fi damee dhuunfaatiin naannolee lamaanitti iddoo Gaadii fi Decheettootti humna haaromurraa elektiriika meeggaa waatii 250 maddisiisuu kan dandeessisu dha.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015