Paartiin Badhaadhinaa Walii Galtee Biyyaalessaa Fi Tokkummaa Kan Uumudha

81

Nagallee Mudde 8/2012 /TOI/ - Paartiin Badhaadhinaa walii galtee biyyaalessaa fi ummattoota gedduutti tokkummaa kan uumudha jedhan hojjettoonni mootummaa magaalaa Nagallee.  

Hojjettoonni kunneen kaleessa irraa eegalee sagantaa, Imaammataa fi Tarsiimoo Paartichaa irratti marii gaggeessaa jiru.  

Jiraataa magaalaa Nagalee fi hojjetaa mootummaa kan ta'an obbo Tarrafaa mokkonnon yaada kennaniin akka jedhanitti gurmaa'insi ADWUI kannaan dura ture tokkummaa caalaa addaa addummaa irratti kan xiyyeeffatee fi rakkoowan garaa garaa kan qabu dha jedhaniiru.

Miseensaa fi deeggaraa jechuun dhaabbilee turan kan adda baasee fi namoota hundaa wal qixa kan fayyade miti jechuun dubbataniiru.

Paartiin haaraan Badhaadhinaa garuu tokkuummaa biyyaa kan eegsisuu fi ummata hunda qixa kan fayyadu dha jechuun ibsaniiru.

"Paartiin kun walii galteen iddoo hin jirrettis yaadaan qofa wal falmuu kan barsiisu yoo ta'u, marii irratti hundaa'uun qofa wanti hundi akka hiikkatuuf kan hojjetu dha " jedhaniiru.

Hirmaattuun wal ga'ii kanaa adde Shukkee Godaanaa gama isaaniin rakkoolee muldhachaa jiran olaantummaa yaadaan, marii fi walii galteen hiikuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Federaalizimiin ADWUIn adeemsisaa tures qabatamaan lafa irra kan hin jirre ta'uu eeruun, mirga sabaa fi sablammootaas qixa sirriin eegsisaa hin turre jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa garuu ummatni biyyattii hunduu irratti walii galanii kan hundessan waan ta'eef qixa sirriin kan fayyadu ni ta'a jechuun ibsaniiru.

"ADWUI keessatti naannoleen Afran qofti kan keessatti murteessan yoo ta'u, kan hafan immoo duuba dhaabatanii ilaalaa kan turanidha. Kun immoo dogoggora ture" jedhaniiru.

Marii dhimma paartii Badhaadhinaa kana irratti hojjettoonni mootummaa 400 ol ta'an hirmaataa jiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015