Maallaqa Biyyattii Sababa Garaa Garaan Biyyaa Miliqfame Gara Biyyaatti Deebisiisuuf Hojjetamaa Jira

151

Mudde 08/2012(TOI) - Maallaqa Biyyattii sababa garaa garaan biyyaa Miliqfame gara biyyaatti deebisiisuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Alangaa muummee Federaalaa beeksiseera.

Wagggoottan darban qabeenyi biyyattii waliin dhahuun gara biyya alaatti ba'uutu himame.

Akka OBN gabaasetti Miliqfamuun maallaqaa kun kan raawwate caasaa mootummaa fi abbootii qabeenyaa isaan waliin hidhata cimaa qabaniin akka ta'e himama

Abbaan Alangaa muummee Federaalaa Biraanuu Tsaggaayee Mana maree bakka bu'oota uummataaf raawwii hojii darbanii wayita dhiyeessan akka jedhanitti Mallaqa biyyaa gara alaatti miliqfame deebisiisuuf biyyoota murtaa'an waliin waliigalteerra ga’ameera.

Biyyoota hafan biroottis bifuma walfakkaatuun qabeenyi biyyaa akka deebi'uuf ciminaan ni hojjetama jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015