Booying Xiyyaarota Max 737 Amajjirraa Eegalee Yeroodhaaf Oomishuu dhaabuufi

Mudde 7/2012 /TOI/ -Kaampaaniin xiyyaarota oomishu Booying xiyyaarota rakkina qaban max 737 ji'a Amajjii dhufurraa eegalee yeroodhaaf oomishuu dhiisuuf akka ta'e beeksise.

Xiyyaarota gosa walfakkatu qaban lama balaan kufaatii mudachuu hordofuun, ji'oota salgaan darban xiyyaaronni kunneen kakka hin balaliine taasifamanii turan, garuu oomishuun itti fufee ture.  

Balaa xiyyaarota Max 737 Itiyoophiyaa fi Indoonijiyaa mudateen lubbuu namoota 300 olitu darbe.   

Hojjattoota oomishasaarratti bobba'an garuu kaampaanichi hojii hin dhaabsifne garuu ,oomishuu dhaabuun dhiyeessootaa fi dingadee waliigalaa miidhu mala jedheera.

'Nageenyi xiyyaarota max 737 eegamee balaliitti deebi'uun filannoo keenya jalqabaati' jedheera kaampaniin oomisha xiyyaaraa kun.   

Tajaajilatti deebisuuf leenjiin murteessoon akka barbaachisanii fi dambiin hojiirra oolu7usaa mirkaneessuu, maamiltonnii fi hawaasni balalii keessatti qooda qabu xiyyaaricharratti amantee horachuu dursee akka qabus beeksiseera.    

Haa ta'u malee, xiyyaarri Itiyoophiyaa si'a lamaffaarratti amma ji'a Bitootessaa bara 2019 tti kufutti xiyyaaronni Max 737 hojii hin dhaabne.  

Wixata kanatti qoodni kaampaanichaa harka 4'n hir’ateera, dhaabbatichi oomishuu dhaabuu wajjin kan wal qabate dha.  

Kaampaanichi xiyyaarota Max 737 baay’innisaanii 400 omishee kuusaa keessaa qabaachuu ibsuun maamiltootasaaf dhiyeessuurratti akka xiyyeeffatus ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015