Itiyoo Telekoom Paarkii Tokkummaa Daawwachuuf Biyya Alaa Ta’uudhaan Tikeettii Onlaayinii Bitachuun Haala Itti Danda’amu Jalqabe

77

Mudde 07/2012 (TOI) – Itiyoophiyaanonni, dhalootaan Itiyoophiyaa kan ta’anii fi lammiileen biyya alaa bakka jiranirraa tikeettii paarkii tokkummaa ittiin daawwachuu danda’an onlaayiniidhaan bitachuu akka danda’an hojmaata diriirsuusaa Itiyoo Telekoom beeksise.

Tajaajilli kun Itiyoophiyaanonni, dhalootaan Itiyoophiyaa kan ta’anii fi kanneen biroo  paarkicha daawwachuuf yoo barbaadan bakka jiranirraa tikeettii bitachuu ykn firootasaanii biyya keessa jiraniif kennaa taasisuu kan dandeesisudha.

Itiyoo Telekoom Ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti tajaajila kana dhaabbata idil addunyaa saa’a qilleensaa dabarsu waliin ta’uun kan dhiheessedha.

Maamiloonni biyya alaa jiraatan tikeettii kana bitachuu wayita barbaadan weebsaayitii dhaabbatichaa www.remit.et seenuudhaan qajeelfamoota hordofuudhaan gatii bulchiinsi paarkichaa beeksiseen salphaatti bitachuu ni dandeessu.

Itiyoo Telekoom kanaan dura daawwattoonni biyya keessaa ergaa gabaabaa gara 6030 A fi H erguudhaan ykn karaa weebsaayitii paarkichaa https://unitypark.et tikeettii bitachuu akka danda’an mijeessuunsaa ni yaadatama.

Daawwattoonni paarkii tokkummaas tajaajila ammayyaa kanatti fayyadamaa akka jiran ibsi kun mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015