Jilli Ministira muummee itti Aanaatiin Durfamu Jenevaa Dhaqe

62

Mudde 6/2012(TOI) - Jilli mootummaa olaanoo ministira muummee itti aanaa Dammaqaa Mokonniniin durfamu “foramii godaantotaa Idil addunyaa” irratti hirmaachuuf Siwiizarlaand Jenevaa dhaqeera.

Jilli kun Bbuufata xiyyaaraa idil addunyaa Jenevaa wayita ga’u hoggantoota misiyoonii Itiyoophiyaatiin simatameera.

Obbo Dammaqaan “foramii godaantotaa idil addunyaarratti” Haasawa akka taasisan waajjira ministira muummee itti aanaarraa odeeffanneerra.

Kana malees hoggantoota olaanoo dhaabbilee deeggarsa namoomaa kennan addaddaa teessoon isaanii Jenevaa ta’e waliin akka mari’atanis sagantaan ba’e ni agarsiisa.

Jilli kun foramicharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uudhaan godaantotaan walqabatee tajaajila deeggarsa namoomaa ilalchisuun muuxannoo biyyattii akka qoodu ni eegama.

Sababni inni guddaan Itiyoophiyaan foramicharratti bakka buuteef Afriikaarraa godaantota simachuun dursituu waan taateef ardii Afriikaa bakka bu’uun isheen qofti akka hirmaattu waan filatamteefi.

Itiyoophiyaan godaantota biyyoota 29 irraa dhufan miiliyoona tokko ta’an simattee tajaajila namoomaa olaanaa kennuudhaan Afriikaarraa dursarratti argamti.

Foramiin kun boru irraa eegalee guyyoota lamaaf akka adeemsifamu odeeffannoon ejenii godaantota mootummoota gamtoomaniirraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015