Walaayittaa Diichaan Piriimar Liigii Kubbaa Saaphanaa Simintoo Habashaa Injifate

192

Mudde 06/2012(TOI) – Bardheengaddaa piriimar liigii Kubbaa saaphanaa Simintoo Mugar kan mo’ate Walaayittaa Diichaan tapha kaleessa taasifameen Warshaa Araqee fi Alkoolii biyyaalessaa mo’achuudhaan dorgommii baranaa injifnnoodhaan eegaleera.

Bar-dheengaddaa liigii kanaan lammaffaa ba’ee kan xumure Yunivarsiitiin Madda Walaabuu mana sirreessaa federaalaa mo’ateera.

Taphoonni torbee jalqabaa piriimer Liigii kubbaa saaphanaa Simintoo Habashaa xumura torbee adeemsifameera.

Tapha kaleessa Sooddoo irratti taasifameen Walaayittaa Diichaan kilabii haaraa Liigicharratti hirmaate warshaa Araqee fi Alkoolii biyyaalessaa tapha marshaa shaniin 3 fi 2n mo’ateera.

Akkaataa danbii dorgommii piriimer Liigii kubbaa saaphanaatiin kilabiin 3 fi 0 fi 3 fi 1n mo’ate qabxii sadii yoo argatu, kilabiin 3 fi 2n mo’ate qabxii lama, kilabiin mo’ame qabxii tokko argata.

Haala kanaan Walaayittaa Diichaan qabxii lama yoo argatu, warshaan Araqee fi Alkoolii biyyaalessaa liigichatti qabxii jalqabaa argateera.

Dorgommii kaleessa Finfinnee istaadiyeemii xiqqootti taasifameen Yunivarsiitiin Madda Walaabuu manneen sirreessaa Federaalaa tapha marsaa sadiin 3 fi 0n mo’ateera.

Tapha kaleessa Mugarirratti taasifameen Simintoon Mugar tapha marsaa sadiin 3 fi 0n mo’ateera.

Dorgommiin piriimer Liigii dheengadda wayita jalqabamu Istaadiyeemii xiqqaa Finfinneetti poolisiin Finfinnee tapha marsaa sadiin Kilabii ittisa biyyaa 3 fi 2n mo’achuunsaa ni yaadatama.

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu fi Simintoon Mugar taphoota baniinsaa piriimer liigiirratti qabxii sadii argataniiru.

Walaayittaa Diichaa fi poolisiin Finfinnee qabxii lama lama, Kilabiin ittisa biyyaa fi Warshaan Araqee fi Alkoolii qabxii tokko tokko argataniiru.

Taphoonni torbrr lammaffaa piriimer Liigii kubbaa saaphanaa dhiirotaa Mudde 11 fi 12 2012 adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015