Barbaachisummaa Rifoormii ADWUI Irratti Adaamaatti Mari’atamaa Jira

65

Mudde 05/2012) - Miseensonni ODP sadarkaa Naannootti argaman barbaachisummaa riifoormii ADWUI fi hundeeffama paartii Badhaadhinaa irratti Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti mari’achaa jiru.

Miseensonni 2000 ol ta’an marii kana irratti  hirmaachaa kan jiran yommuu ta’u, dhimmoota riifoormii ADWUI fi barbaachisummaa paartii Badhaadhinaa irratti gadi fageenyaan mari’achuun hubannoo gahaa ni argatan jedhameet eegama.

Mariin kun guyyaa sadiif kan Itti fufu ta’uusaa sagantaa baheerraa hubatameera jechuun kan gabaase BDhKMNO ti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015